top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni galmee Khadiir Muhammadii fi Nabiyyuu Siraaj jalatti himataman guyyaa boruu mana murtii

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 5, 2016
  • 1 min read



Beellama guyyaa boruutti yakka dharaa abbaan Alangaa isaan irratti baneef murtii bilisaa ykn badii raawwattan jedhamaniif ragaa ittisaa dhiheeffadhaa murtii jedhu dhaga'uuf tahuu beekameera.


Muslimoonni kun walumaagalatti 26 yoo tahan, isaan 7 galmee Nabiyyuu Siraaj jalatti, isaan 19 immoo galmee Khadiir Muhammad jalatti kan himataman yoo tahu, himannaan dharaa isaan irratti dhiyaate immoo Koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa kan galmee Ustaaz Abubakar jalatti himatamuun dhiheenya kana lakkifamanii fi kan ammas hidhaan dararamaa jiran humnaan hiiksisuu fi biyyatti keessatti mootummaa Islaamaa hundeessuun yakka jechuun.


Gaazexeessaa Bilaal Tube kan tahe Darseema Sorii fi Tv Afrikaa irratti sagantaalee adda addaa qopheessuun kan beekamu gaazexeessaa Khaalid Muhammad galmee kana jalatti himatamuun dararamaa jiru.


Muslimoonni kunniin beellama isaanii irratti hundaa’uun sadaasa 7/2009 mana murtii kan dhiyaatanii turan yoo tahu, sababa himatamtoonni mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti hidhamanii argaman hin dhiyaataniif jimaata darbe sadaasa 23 /2009 beellamaman, Jimaata darbes isaan jidduu muraasni beellama mana murtii kan biroo waan qabaniif guyyaa boruu sadaasa 27/2009 beellamaman. Beellama boruutti muslimoonni kun dararaa fi hidhaa yeroo dheeraa booda murtii dhumaa ni argatu jedhamee eeggama.


Rabbiin Obboleeyyan keenya kan badii takkaan alatti dararamaa jiran mara harka mootummaa Zaalimaa keessaa nuuf haa baasu.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page