top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Hoogganaan KFO hidhame

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 1, 2016
  • 1 min read


Hooggannaan paartii siyaasaa Kongiressii Federaalistii Oromoo kan tahe Doktor Mararaa Guddinaa garee Komaand Poostiin kan too’annaa jala oole ta’uu odeeffannoon Faanaa Biroodkasti irraa argame ni addeessa.


Barreessaan Komaand Poostii labsii yeroo muddamaa FBC' irratti akka dubbatetti

"Dr Mararaa Guddinaa qajeelfama labsii yeroo muddamaa mootummaan labse lakkoofsa 1 keeyyata 2ffaa irratti argamu sababa darbeef too'annaa jala oole" jedha.

Qajeelfamni yeroo muddamaa inni darbe jedhame kun lakkoofsa 1 keeyyata 2ffaa irratti kan argamu yoo tahu


"Dhaabbilee Shororkummaan Farajaman, gareewwan nagaya booressan kamiiyyuu qunnamuun dhoorkaadha" jedha.

Gamtaan Awurooppaa dhiheenya kana Paartilee Siyaasaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraaniif dhiitamuu mirga biyya keessaa mootummaan geggeessaa jiru irratti mari’atuuf Beljiyeem magaalaa Biraaselsitti waamicha godhe. Paartiiwwan kana jidduu Doktor Mararaa Guddinaa Kongireessii Federaalistii Oromoo (KFO) bakka bu’uun waamicha kana irratti kan argame yoo tahu, walgahiin kun Xumuramee gara biyyaatti akkuma deebi'een, walgahii kana irratti hoogganaa Ginboot 7 kan mootummaan Itiyoophiyaa Shororkeessa jechuun faraje waliin walarguun Ibsa kennite jedhamee kan hidhame tahu odeeffannoon argame ni addeessa.


Mootummaan guutuu biyyattiitti guyyaa labsii Yeroo muddamaa labse irraa kaasee hidhaa fi dararaan ummata irratti kan duraanii caala dabalaa kan jiru tahuu ibsameera.


Yeroo amma kana hooggantoonni paartiilee mormitootaa biyya keessa jiran hedduunis hidhaaf saaxilamaa jiraatuu dhaabbileen mirga namummaa falman, ibsi yeroo adda addaatti baasan ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page