Qeesiin Yahuudaa, Ibiddi Israa’elitti qabate Abaarsa Rabbiiti jedhe
- Odeeyfannoo
- Nov 27, 2016
- 1 min read

Ibiddi Israa’elitti qabatee jiru guyyaa 6ffaa keessa akka jiru odeeyfannoon maddeen garagaraa ni addeessa, har’as Ibiddi kun hin qabbanoofne. Haga ammaatitti Namoonni 80,000 ol ta’an mana jireenyaa isaanii gad dhiisanii baqachuun isaaniitis gabaafamee jira. Oduun har’aan tana baate garuu nama rifachiisti. Qeesonni Yahuudaa lama kan Raabaay jedhamuun beekaman dhimma ibidda kanaa irratti yaada mataa isaanii kennanii jiran. Lameen isaaniituu jibba Ummata Falasxiiniif qaban ifatti ibsanii jiran.
Akka Amantii Warra Yahuudaatitti guyyaa shabaat (Sabtii) jedhamutu jira. Guyyaa kanatti warra yahuudaatiif dalagaa takkallee hojjachuun hin eeyyamamu. Waa ajjeesuun, Suuqii gurgurachuun fi kkf guyyaa kanatti dhoorkaa dha. Raabaay Eeliyaahuu garuu akkana jedhe, ‘…Kabaja guyyaa Shabaat faalleessinee warra ibidda qabsiisan kanniin dhukaasnee ajjeesuun nuuf heeyyamama’ jedhe. Haala kanaan Raabaayiin kun Waraanni Israa’e Ummata Falasxiin Dhukaasee akka ajjeesu heeyyamutti jira. Muummichi Ministeeraa Israa’el Biiniyaamin Neetaaniyaahu “Abiddi kun dalagaa Shoorarkeessitootaati” jedhe. Haga ammaa namoonni 13 yakka kanaan shakkamanii hidhamanii jiran. Wanti nama ajaa’ibu, namoota hidhaman keessaa 4 qofatu lammii Falasxiiniiti.
Raabaayiin kan biraa kan Elyaakim Levaanin jedhamu ammoo akkana jedhe. “Ibiddi kun Abaarsa Rabbiiti. Nutu Waan Gooftaan keenya nuun jedhe dalagaa irra oolchuu dhabe. Lafa WeestBaank (Biyya Amma Falasxiin harkatti hafee jiru) guutumaan guututti ummata Arabaa Harkaa fuunee dhuunfachuu dhabuu keenyaaf Waaqni nutti dallane. Kanaafuu Ammaan tana Lafa Warra Arabaa kana Dhuunfachuudhaaf Mootummaan keenya yoo Murtee dabarse, Waaqnillee Rooba nuu Rooba” jedhe.
Kaayyoon isaanii hundi Fafakkeesuudhaan Lafa Muslimootaa fudhachuu akka ta’e beekamaa dha. Rabbi Ummata Falasxiin Shira Warra Yahuudaa jalaa haa tiksu.
Comments