Naannoo Tigraayiitti Ahbashonni qabeenyaa hawaasa muslimaa Saamuun beekame.
- NuuralHudaa
- Nov 27, 2016
- 1 min read

Godina Kibba Tigraayi naannawa hawaasni muslimaa heddumminaan itti argamu aanaa Hukuftoo jedhamutti mallaqa hawaasni muslima aanicha keessatti madrasaa ijaaratuuf walitti qabate hordoftoota amantaa Ahbaash kan mootummaan muudamaniin kan saamame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Aanaalee naannoo Tigraayi jidduu aanaan Hukuftoo naannawa hawaasni muslimaa hedduminaan itti argamu yoo tahu, Mootummaan muslimoota aanaa kana keessa jiraatan amantaa Ahbaashiitti jijjiiruuf dhiibbaa guddaa godhaa ture, Namni Idiriis Jamaal jedhamu kan qabsaawaa mootummaa TPLF kan ture namoota mallaqa haawasa muslimaa saamaa jiran jidduu tokko tahuu beekameera.
Obbo Idiriis nama Sheekh Abdulaziiz jedhamu waliin tahuudhaan Ulamaa'ota naannoo Tigraayi keessatti argaman nama akka hidhaman godhaa jiru yoo tahu keessumattuu Ulamaa'ota Raayyaa jiran hiisisuu keessatti nama shira guddaa taphataa ture tahuu ibsameera.
Ulamaa'onni galmee Sheekh Abdulmannaan jalatti himatamuun dararamaa jiran sababa nama Idiriis jedhamu kanaatiin tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Aanaaleen Hukuftoo fi Hijraa jedhaman aanaalee naannoo Tigraayiitti argaman jidduu naannawa hawaasni mislimaa hedduminaan itti jiraatu yoo tahu, hawaasni naannawa kanaa muslima tahuu isaaniitiin mootummaan tajaajila akka fayyaa, barnootaafi kan birootis akka aanaalee biraatiif ijaaru aanaalee kanaaf hin ijaaru. Hawaasni muslimaa sababa kanaaf ofii isaaniitiin mana barnootaafi madrasaa ijaaratuuf mallaqa walitti qabatan. Mallaqa kana namtichi Idiriis jedhamu kun maqaa isaatiin baankii galchuun mana jireenyaa fi meeshaa manaa ittiin bitatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Guyyaa mallaqni kun walitti qabametti namtichi kun warshaa Farsoo Raayyaa jedhamu irraa farsoo konkolaataa gurguddaa lama guutuu bituun kan jiraattota naannawa sanii affeeraa ture tahuus beekameera.
Hanga hardhaatis daa'imman aanaa kanaa keessa jiran sababa mana barnootaa dhabaniif gaaddisa mukaa jalatti barataa jiru.
Hawaasni muslimaa namticha kana qaama dhimmi ilaaluuf himatus mootummaan bilisaan kan dhiise tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments