top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Godina Arsii keessatti hidhaan itti fufeera.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 27, 2016
  • 1 min read


Sababa magaalaa boqqojjiitti waraanni Federaalaa tokko ajjeefameef magaalaa Sagureetti dararaan cimaan ummata irratti raawwatamaa jiraatuu maddeen nuuf gabaasaniiru.


Halkan jum'aa aanaa Digaluuf Xiijoo magaalaa Sagureetti waraanni mootummaa Masjiida Hidayaa kan magaalaa Sagureetti argamu marsanii buluun guyyaa kaleessaa wardiyaa masjiidaa kanaa kan tahe Obbo Abdoo Cinqaa nama jedhamu bilbila itti bilbiluun waamanii kan hidhan tahuu jiraataan naannawa sanii nuf hime. Akka jiraataan kun nuuf himetti

"Godina Arsii aanaalee adda addaa keessatti dararaa fi hidhaan guyyaa irraa guyyatti jabaataa dhufee jira, halkan dheengaddaa waraanni mootummaa masjiida Hidaayaa marsuun achi turan, eega sanii guyyaa kaleessaa wardiyaa masjiidaa obboo Abdoo Cinqaatiif bilbiluun koottu sii barbaadnaa jechuun, innis waamicha isaanii kabajee dhufnaan fuudhanii hidhan. Akkasumas hoteela Harar jedhamu kan magaaluma kana keessatti argamu irraa halkan jimaataa waraanni mootummaa sakatta’uun mana Siree seenuun nama 5 fuudhanii hidhan. Sababni hidhaa kana immoo halkan jimaataa magaalaa Boqqojiitti namoonni eenyumaan isaanii hin beekamiin waraana Federaalaa tokko kan iddoo biraa irraa jijjiiramee dhufe yeroo inni mana dhugaatii seenu eeguun ajjeesan, namtichi ajjeefame kun immoo nama iddoo birootti dhiiga ilmaan Oromoo jissaa ture yoo tahu, mootummaan achirraa asiitti jijjiire, waraanni mootummaa namoonni ajjeesan kun magaalaa Sagureetti baqatanii as jiru jechuun manneen siree fi konkolaataa hunda sakatta’an" jechuun nuuf himeera.


Odeeffannoo walfakkaatuun namoota magaalaa Saguree irraa hidhaman hedduu jidduu, guyyaa kaleessaa namoonni 40 mana murtii dhiyaatanii kan turanii fi hidhamtoonni kun maatii isaanii waliin akka wal hin qunnamne waan dhorkamaniif, maal akka jedhaniin kan hin beekamin tahuu maddeen nuf gabaasaniiru.


Mootummaan waajjira Poolisii magaalaa Sagureetiif hidhaa fi dararaa ummata irra geessisaa jiraniif Konkolaataa kan badhaase tahuus odeeffannoon naannawa irra nu gahe ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page