top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan ummata Oromoo ukkaamsuu itti fufee jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 26, 2016
  • 1 min read


Guyyaa labsiin yeroo muddamaa labsame irraa eegalee cunqursaan, ajjeechaa fi hidhaan ummata Oromoo irratti raawwatamu daran dabalaa jiraatuu gabaasaa turuun keenna ni yaadatama.


Dhiheenya kana Yuunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa keessatti argaman kan akka Yuunivarsitii Jimmaa, Haramayaa, Wallaggaa fi Amboo irraa barattootni baruumsa irraa ari’amaa, ukkaamfamaa akkasumas hidhamaa jiru. Mormii dhiheenya kana Yuunivarsitii Jimmaa moonaa Teknootti ka’een waraanni Agaazii barattoota irratti tumaa cimaa kan raawwataa turan tahuu, akkasumas Yuunivarsitii Haramayaatti barattoonni basaastota Komaand Post jechuun moonaa keessatti ramadamaniin barnoota irraa kan ari'aman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Barattoonni Yuunivarsitii Jimmaa irraa ukkaamfaman 160 ol tahuu ibsameera. Odeeffannoo walfakkaatuun gareen Komaand poost jechuun labsii yeroo muddamaa kana akka raawwachiisuuf goodina Baaletti angeeffame maqaa namoota 1304 kan aanaa Roobee qofa irraa ukkaamfamanii moonaa waraana Xoollaayiitti geeffamuun dararamaa jiran kan maxxanse tahuu beekameera.

Guyyaa kaleessaatis magaalaa Dirre dawaa irraa waraanni mootumaa namoota hidhaa jiraatuu jiraataan magaalaa Dirre dawaa nuuf himeera.


Akka jiraataan kun nuuf himetti.

“Guyyaa kaleessaa salaata Jum'aa dura namoonni eenyummaan isaanii hin beekamin jaha magaalaa Dirre Dawaa keessa manneen irra deemuun namoota ukkaamsaa turan. Namoota ukkaamfaman kanniin jidduu weellisaa kan ture, kan yeroo ammaa immoo muuziqaa irra towbatuun gama Rabbii deebi'e Obboleessi keenya Falmataa Roorroo kan jiru yoo tahu, maatiiwwan Falmataa mana hidhaa deemuun akka achi geeffame hogguu gaafatan nuti hin beeknu qaama olaanutu fuudhe" jechuun kan deebisan tahu nuuf himeera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page