top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa leenjii waraanaa fudhatuu qabdu jechuun ummata dirqisiisaa jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 24, 2016
  • 1 min read


Godina Harargee Bahaa Aanaa Midhagaa Tolaatti kamisa hardhaa waajjiirri Bulchiinsaa fi nageenyaa aanichaa gandoota adda addaa irraa qote bultoota walitti guuruudhaan leenjii waraanaa fudhatuu qabdu jechuun dirqamaan magaalaa Midhaagatti kan walitti qabe tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.


Akka jiraataan naannawa sanii nuuf himetti

"Qotee bultoota aanaa keessatti argaman waraana isin goona jechuun rakkisaa jiru, qaamni waan kana godhaa jirus waajjira Bulchiinsaa fi nageenya aanichaati, karoorri kun eega jalqabamee ture jira. Garuu amma hojitti jijjiiruun guyyaa hardhaa ummata qabeenyaa fi maatii isaanii irraa adda baasuun rakkisaa jiru" jechuun nuuf himeera.


Akkasumas namoota didan kan sodaachisaa jiraniif gochi yeroo ammaa mootummaan ummata aanaa midhaagaa tolaa irratti raawwataa jirus yaaddessaadha jedha jiraataan aanichaa kun.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page