top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Isra'eel Balaa Abiddaatiin dhahamaa jirti.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 24, 2016
  • 1 min read


Balaan Abiddaa torbaan kana keessa Isra'eelitti ka’e kutaa biyyattii adda addaatti babaldhataa jira. Balaan Abiddaa bubbeen walmake Jiddu gala kaaba biyyattiitti dhabamuu Roobaatiin kan ka’e kun guyyaa hardhaa daran babaldhataa dhufuun qabeenya hedduu barbadeessee jira. Haata'uu malee lubbuun bade kan hin jirre tahuu Al Arabiyaa news gabaasee jira.


Lammiiwwan 60,000 oltahan magaalaa biyyatti kan guddinaan sadarkaa 3ffaa irratti argamtu magaalaa Hayifaa lakkisanii baqataniiru.


Isra'eeli guyyaa kaleessaa irraa jalqabdee Abidda kana too'annaa jala oolchuu hin dandeenye. Biyyoonni akka Raashiyaa fi Turkii deeggarsa godhaafii jiru, hata'uu malee abiddi kun hanga ammaatti too'annaa jala hin oolfamne.


Mootummaan Isra'eel Abidda kana dhaamsuuf konkolaattota Ibidda dhaamsuuf qophaa'an kan magaalota hundaa fayyadamaa jirti, manneen jireenyaa, manneen barnootaa dhaabbileen adda addaa qabeenyi hedduun barbadaa'aniiru.


Haalli qilleensa yeroo ammaa kana jirus abidda kana too'annoo jala oolchuuf gufuu tahee jira. Hanga ammattis abidda kana too'annaa jala oolchuuf taattaaffiin itti fufeera.


Kommentit


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page