top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti ka’eef sababni isin jechuudhaan hidhamtoota 18 irratti himanna

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 23, 2016
  • 1 min read


Abidda mana hidhaa Qilinxootti ka’ee tureen hidhamtoota gara mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti geeffamanii turan balaa abiddaa kana nutu kaase jettanii amanuu qabdu jechuudhaan tumaa cimaa eega irratti raawwatanii booda, hidhamtoota kana irratti himannaan kan baname tahuu miidiyaa mootummaa kan tahe Faanaa Biroodkast(FBC) gabaaseera.


Akka FBC'n gabaasetti

"Himannaan hidhamtoota kana irratti mana murtii Ol’aanaa Federaalaa dhaddacha Lideetaatti kan baname yoo tahu, Himannaan isaan irratti dhihaates qabeenyi qarshii miliyoona kudhanitti tilmaamamu akka barbadaa'u godhanii jiru'' kan jedhu tahuu beekameera.


Namoonni 3 immoo kan dhaabbilee Shororkeessitootaa Ginboot 7 , ABO fi Alshabaab waliin qunnamuun hidhamtoonni balaa kana akka kaasaniif deeggarsa godhaa turan jechuun kan too’annaa jala Oolanii fi hidhamtoota 38 waliin mana hidhaatti argaman tahuus beekameera.


Namoonni sadiin too'annaa jala oolan kunniin

1. Himatamaa 1ffaa Masreshaa Sexee

2. Himatamaa 2ffaa Waldee Mootummaa fi

3. Himatamaa 3ffaa Ashannaafii Akaaluu yoo tahan, isaan kunniin dhaabbilee Shororkeessitootaa waliin tahuun akka hidhamtoonni balaa kana kaasaniif deeggarsa mallaqaafi yaadaa godhaa turan jechuun Abbaan Alangaa himannaa kan itti bane tahuu odeeffannoon ni addeessa.


Himannaa dhiyaate kana irratti hidhamtoota 23 kan yeroo balaa Abiddaa jalaa lubbuu isaanii baraaruuf fiigaa turanitti poolisoonni rasaasaan ajjeesanis himatamtoota kanniintu tumee ajjeese jechuun kan himatan tahuus beekameera.


Hidhamtoota himataman jidduu Muslimoonni ajjeechaa Sheekh Nuuruu Yimaamiin yakkamani fi muslimoonni galmee Nabiyyuu Siraaj jalatti himataman kan jiran ta’uu odeeffannoon argame ni addeessa.


Himatamtootni kunniin yeroo mana hidhaa Shawaa Roobiiti turanitti qorattoonni mana hidhaa Ma'akeelawii balaa kana nutu raawwate jechuun amanaa jedhanii kan dararaa turan tahuus beekameera.


ความคิดเห็น


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page