Yaaliin Masjiida Gubuuf godhame fashalaa'e.
- NuuralHudaa
- Nov 22, 2016
- 1 min read

Naannoo Amaaraa magaalaa Mashaa Maqdaalaatti juma'aa dabre salaata Ishaa'ii booda masjiida guddicha Rahmaan kan magaalatti keessatti argamu namoonni eenyummaan isaanii hin beekamin gubuuf kan yaalii godhan yoo tahu, wardiyaan masjiidichaa hawaasni naannoo san jiru akka birmatuuf iyyuu isaatiin shirri kun osoo hin milkaa’ini kan hafe tahu odeeffannoon argame ni addeessa.
Kanaan duras aanaa kana keessatti namoonni Kasaa Faqadaa fi Alamuu jedhaman Bataskaana 2 akka guban eega godhamee booda muslimoonni magaalatti keessatti argaman sababa kanaaf hidhamanii turan. Ammas hawaasa muslimaa fi hordoftoota amantaa kiristaanaa walitti buusuuf shirri walfakkaataan kan yaalamaa jiru tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Dhiheenyuma kana gochi walfakkaataan masjiida gubuuf godhame kun bataskaana Dafeerge jedhamutti raawwatamuun wardiyoon bataskaana kanaa kan fashaleessan tahu beekameera.
Sababa Bataskaana aanaa kan keessatti miseensonni mootummaa kanaan dura gubaniin muslimoonni hedduun hidhamanii dararamaa jiru. Haata'uu malee jiraattonni naannawa sanii shira mootummaa tahuu hubatuun nagaan walkabajanii jiraataa jiru.
Shirri akkasii kun naannoo Amaaraa Godinaalee akka Goojjam keessattis kan jalqabame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Mootummaan yeroo adda addaa Siyaasa isaa ofatuuf jecha hordoftoota amantaa adda addaa jiddutti jeequmsa kaasuuf kan socho’aa jiru yoo tahu, hordoftoonni amantaa kamiiyyuu shirri kun akka galma hin geenneef dammaqinaan akka hordofuu qaban dhaamsi dabree jira.
Comments