Torbee darbe qofa keessa baqattoonni 360 ol galaana Meediteraaniyaatiin Nyaatamuu ibsame.
- NuuralHudaa
- Nov 21, 2016
- 1 min read

Torbee dabre keessa dooniiwwan 6 galaana Meediteraaniyaatiin liqimfamuun baqattoonni 360 ol tahan kan du'an tahuu dhaabbanni baqattoota Addunyaa (IOM) ibseera. Lakkoofsi baqattootaa waggaa kana keessa balaa kanaan du'anii 4636 kan gahe fi hedduu kan dabale tahuu dhaabbatich eereera.
Dubbi himaa dhaabbatichaa kan ta'e Liyoonard Do'el akka ibsetti "Baqattoonni kun irra caalaan isaanii baqattoota biyyoota Afrikaa bahaa irraa hacuuccaa mootummoonni biyya isaanii isaan irratti dhaqqabsiisan jalaa bahuuf gar Biyyoota Awurooppaatti kanneen baqataa turaniidha "jedha.
Do'eel akka jedhutti carraan baqattoota biyyoota Afrikaa bahaaf biyyoonni Awurooppaa kolugaltummaa kennaafii jiran hedduu dhiphaadha, baqattoonni kunniinis waan bu'aa hin qabneef bishaaniin kan nyaatamaa jiranii fi galaana Meediteraaniyaa gubbatti balaan suukaneessaan baqattoota kani mudataa jiru tahuu dubbata.
Gareen Eeggumsa fayyaa Xaaliyaan kan balaa baqattoota kana irratti hojjatu akka ibsetti "Dooniin kamisa dabre galaana Meediteraaniyaa irratti garagalte tokko irraa namoonni 6 du'uun reeffi isaanii kan argameefi namoota 100 ol tahan kanneen doonii kana irra turan eessa buuteen isaanii kan dhabamte tahuu "gabaasaniiru.
Hanga Roobii dabre qofa baqattoonni 240 ol galaana Meediteraaniyaatiin kan liqimfaman tahuu dhabileen gargaarsa gara garaa ibsaniiru.
Lakkoofsi baqattootaa bara kana keessa balaa kanaan dhumaanii kan bara 2015 baay'inna nama kumaatiin akka dabales himameera.
Comentários