top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Hidhamtoonni Muslimaa mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti dararamaa turan gara Qilinxootti jijjiiraman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 21, 2016
  • 1 min read


Balaa Abidda mana hidhaa Qilinxootti ka’ee tureen hidhamtoota muslimaa mana hidhaa san turan gara manneen hidhaa adda addaatti kan geeffamanii turan yoo tahu, hidhamtoonni mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti geeffamanii turan gara Qilinxootti kan deebifaman tahu odeeffannoon argame ni addeessa.


Hidhamtoota Muslimaa kanniin irratti qorattoonni mana hidhaa ma'akeelawii irraa dhufuun balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti ka’e nutu kaase jechuun akka amananiif kan tumaa turan yoo tahu, amma himannaa haarawa itti banuuf kan qophaa'an tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.


Hidhamtootni muslimaa mana hidhaa Shawaa Roobiitti irraa gara mana hidhaa Qilinxootti jijjiiraman jidduu muraasni


1.Usmaan Abdoo

2.Shahaabudiin Nasraadiin

3.Fitsum Cherineet

4.Abdurrahiim Kaamil

5.Khadiir Tadalaa

6.Umar Husseen.

7.Ismaa'iil Hassanii fi

8. Naziif Tamaam fa’a tahuu beekameera.


Muslimtootni kunniin gara Mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti geeffamanii maatii isaanii waliin wal arguu kan dhoorkaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Odeeffannoo walfakkaatuun Gaazexessaan Darsemaa Sorii sababa dhukkubsateen gara Mana hidhaa Qalitiitti kan geeffame ture, ammas gara mana hidhaa duraan turetti mana hidhaa Qilinxootti kan deebifame tahuu beekameera.


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page