top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoota galmee Muhammad Aggonaafir jalatti himataman irratti murtii badii dabarfame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 19, 2016
  • 1 min read


Mootummaan duula muslimoota badii tokkoon alatti hidhuun himannaa yakka shororkeessummaa itti banuun adabuu cimsee itti fufeera.


Muslimoota lama kan magaalaa finfinnee irraa hidhamanii turan Muhammad Aggoonafirii fi Wabii Abdurahman jedhaman irratti murtii badii dabarsuun akka ragaa ittisaa dhiheeffatan kan ajaje tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Muslimoota kana Abbaan Alangaa himannaa yakka Shororkeessummaa itti banuun kan hidhamanii mana murtii deddeebi'aa turan yoo tahu, kamisa dabre manni murtii Federaalaa yakka kana raawwattanii jirtu jechuun murtii badii kan irratti dabarse tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.


Manni Murtii Federaalaa himannaa Abbaan Alangaa dhiheesseef ragoottan eega dhageeffatee booda guyyaa kamisaa Obboleeyyan kanniin irratti murtii badii dabarsuun sadaasaa 19/2009 akka isaan ragaa ittisaa dhiheeffatan kan ajaje tahu Odeeffannoon argame ni addeessa.


Mootummaan yeroo adda addaatti naannoo adda addaa irraa dargaggoota muslimaa amantaa isaaniin ciccimoo tahan hidhuun beekamadha, Ammas muslimoota kana irratti manni murtii murtii seeraan alaa itti dabarsuun cimee itti fufeera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page