Barattoonni Muslimaa sababaa Hijaaba Dhoorkamaniif barnoota lakkisanii turan rifeensa qofa dhoksuun
- NuuralHudaa
- Nov 19, 2016
- 1 min read

Mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa Sandaafaatti barattoonni muslimaa hijaaba uffatanii baratuu sababaa dhoorkamaniif barnoota isaanii dhiisanii kan turan yoo tahu, amma immoo rifeensa qofa dhoksuun akka baratuu danda'an kan himameef tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Mana Baruumsa kanatti kanaan dura barattoonni muslimaa hijaaba uffatanii kan barataa turan yoo tahu, Bulchiinsi mana baruumsa kana seera seekulariziimii haarawa mootummaan barattoota muslimaa barnoota isaanii irraa ari'uuf baase hojii irra oolchina jechuun barattoonni muslimaa hijaaba isaanii akka baasanii fi amma immoo morma isaanii mul'isuun rifeensa isaanii qofa dhoksanii akka baratan hayyame jira.
Manni Baruumsa kun ammas haalli inni hayyame kun kan Islaamummaa faallessu waan ta’eef barattoonni ammas morma keenya muldhisnee hin barannu jechuun kan didan tahu odeeffannoon argame ni addeessa.
Mootummaan duula Islaamummaa dadhabsiisuu kan cimsee itti fufsiisuuf namticha kanaan dura muslimoota hiisisuu fi ajjeesisuu keessatti shira guddaa raawwataa ture Dr Shifarawu Takla Maariyam ministeera barnootaa godhuun muudeera.
Namtichi kun ilaalchi inni Islaamummaaf qabu badaa waan ta’eef ammas barattoota muslimaa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u ibsameera.
コメント