Ameerikaa kutaa bulchiinsa Joorjiyaa keessatti seerri Niqaaba dhoowwu tumamuuf.
- NuuralHudaa
- Nov 19, 2016
- 1 min read

Ameerikaa keessatti jibbaan Islaamummaa irratti godhamu guyyaa irra guyyatti dabalaa dhufe. Pirezidaantii Ameerikaa tahuun kan filame Doonald Tiraamp yeroo duula naa filadhaa geggeeffataa turetti qabxii inni irratti xiyyeeffate jidduu tokko; baqattoonni biyyoota muslimaa irraa baqatan akka Ameerikaa hin seenne godha kan jedhu yoo tahu, eega inni filamee booda osoo aangoon harka isaa hin seenin kutaa biyyatti adda addaa keessatti ummanni mormii cimaa geggeessuun balaaleffataa jira. Haata'uu malee eega injifatuun isaa labsamee booda muslimootaa fi lammiiwwan baqattummaan biyyatti keessa jiran irratti dubbiin yeroo duula na filadhaa inni geggeessaa ture dubbate amma hojitti jijjiiraamaa jira.
Kutaa Bulchiinsa Joorjiyaa keessatti kamisa darbe seerri dubartoonni Niqaaba uffatanii naannoo ummanni hedduminaan argamu kan akka gabayaa, mana baruumsaa fi iddoo adda addaatti socho’uu dhoorku kan hojii irra oolu tahuu labsame.
Seerri kanaan dura ture Niqaaba dubartootaa dhoorkuu osoo hin tahin gocha yakkaa gareen Ku Klux klan jedhamu fuula isaanii haguuggatuun raawwatan kan dhoorku yoo tahu, amma garuu namtichi Jason Spencer jedhamu kan kutaa bulchiinsa Joorjiyaatti paartii Ripaablikaan bakka bu'uun filatame ibsa kamisa darbe miidiyaalee kenne irratti seera kana irratti qajeelfama niqaaba dubartoota muslimaa irratti xiyyeeffatu kan dabalu tahu dubbate.
Ibsi Spencer niqaaba ilaalchisee baase kunii fi Ilaalchi Doonald Tiraamp baqattoota muslimaatiif qabu kan yeroo duula na filadhaa geggeessaa turetti ibsataa ture, yakki muslimoota Ameerikaa jiraatan irratti hojjatamu daran akka dabalu fi muslimoota biyyattii keessatti argaman sodaa guddaa keessa galcheera.
Comments