top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni galmee Khadiir Muhammadii fi Nabiyyuu Siraaj jalatti himataman mana murtii dhihaatan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 17, 2016
  • 1 min read


Muslimoonni kunniin seera farra Shororkeessummaa keeyyata 652/2001 baheen yakka koree furmaata barbaaddu hawaasa muslimaa humnaan hiiksisuu yaalii godhan fi mootummaa Islaamaa biyyatti keessatti hundeessuuf socho’an jedhuun himatamanii mana hidhaatti waggaa tokko ol kan dararamaa jiran yoo tahu, guyyaa kaleessaa sadaasa 7/2009 mana murtii dhihaataniiru.


Beellama guyyaa kaleessaatti manni murtii himannaa Abbaan Alangaa isaan irratti dhiheesseef murtiin dhumaa ni kennama jedhamee eeggamus manni Murtii kangaarroo ammas sadaasa 23/2009 kan beellame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa. Maaliif akka beellamni dabarfamefis sababni tokkooyyuu hin himamneef.


Obboleeyyan galmee kana jalatti himatamuun mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti argaman beellama guyyaa kaleessaattiif kan dhihaatuu qaban, osoo hin dhiheessin hafaniiru. Abbaan Alangaa himatamtoota irratti ragoota ni qaba jedhe duraan mana murtiif galmeessisee ture jidduu muraasa qofa kan dhiheesse yoo tahu, ragoottan dhihaatan kunis himatamtoonni yakka irraa qulqulluu tahuu isaanii mana murtiif himaa turan, haata'uu malee manni murtii siyaasaa irraa walaba hin tahin, ammas beellama qabuun muslimoota kana hidhaan dararaa jira.


Beellama guyyaa kaleessaatti hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu tahe mana murtiitti kan argaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page