Mootummaan ummanni walgahii akka bahu dirqisiisaa jira.
- NuuralHudaa
- Nov 17, 2016
- 1 min read

Godina Harargee bahaa aanaa Midhaagaa Tolaa fi Naannawa isiitti mootummaan waraana milishaa ajajuun ummanni dirqamaan walgahii akka bahu godhaa jiraatuu odeeffannoon naannawa irraa argame ni addeessa.
Akka jiraataan naannawa sanii nuuf himetti
Guyyaa hardhaa waraanni milishaa manneen irra deemuun dargaggoota fi qotee bultoonni dirqiidhaan akka bahan godhaa jiru jechuun nuuf himeera.
Odeeffannoo walfakkaatuun magaalaa Midhaagaa Tolaatti abbootii qabeenyaatiin isintu dargaggoota nu irratti ijaaraa jira jechuun halkan irraa sa'aa 6:00 booda mana namaa cabsuun hidhatti guuraa jiraatuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Walgahii guyyaa hardhaa ummata itti walitti qaban kanatti gandoota baadiyaa keessatti leenjii kennina jechuun namni leenjii kana irratti yeroon argame galgala badhaasa daabboo kenninaaf jechuun hawaasa baadiyaatis kan sobaa jiran tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Comments