Search
‘Whatsapp’ Android 2.1 fi 2.2 irratti dalagaa dhaabuuf deema.
- NuuralHudaa
- Nov 17, 2016
- 1 min read

Miidiyaa yeroo ammaa ummanni addunyaa hedduminaan fayyadamutti jiru keessaa Whatsapp isa tokko. Oduun dhiheenya kana ‘Whatsapp Blog” irraa baate akka himtutti, tajaajilli whatsapp kan Android 2.1 fi 2.2 amma booda kan dhaabbatu tahuu ibsiti. Sababaan isaan dhiheessan ammoo, Android 4.1 gad, yeroon irra dabruuf deema. Telefoonni amma oomishamutti jiru hunduu Android 5.1 fi sanii ol qofa qaba. Namni android 2.1 fi 2.2 fayyadamu hedduminaan hin jiru. Kanaafuu tajaajila kana dhaabuun dirqama tahee jira jechuun, whatsapp blog beeksisee jira.
Comments