top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Biyya hindii, dhaabbata hayyuu keenya guddaa Dr. Zaakir Naayikiin bu’uurfame IRF, (Islami

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 16, 2016
  • 1 min read


Dhaabbanni kun Aalima guddaa Addunyaa kan tahe Dr Zaakir Naayikiin hundeeffamee, waggoota dheeraaf tooftaa adda addaatti fayyadamuun hawaasa muslimaa fi muslima hin tahiniif , Amantaan Islaamaa amantaa nagayaa, walqixxummaa, amantaa dhugaa tahuu kan barsiisaa turee fi ilaalcha warri dhihaa Islamummaaf qaban irratti qorannoo adda addaa eega geggeessee booda maqaa shororkeessummaa isaan Islamummaa irra kaahan haquuf tattaaffataa tureedha.


Dhaabbanni kun biyyuma Hindii keessatti wal-dhabbii Muslimoota Hindii fi hordoftoota amantaa Hinduu jiddutti ture tasgabbiin akka bu'u, Islamummaan hordoftoota amantaa kamiyyuu wajjiin jiraatuu akka hin dhoorkine, amantaa kamiyyuu kan hin arabsine tahuu hubachiisuun ilaalcha isaan Islamummaaf qaban jijjiiruu keessatti shoora guddaa taphatee jira.


Mootummaan Hindii Balaa shororkeessitoonni ji'oota muraasa dura biyya Bangilaadishitti raawwataniif dhaabbatichi itti gaafatamummaa haa fudhatuu jechuun himannaa yakkaa kan irratti bane ture yoo tahu, himannaa kanaaf immoo ragaan quubsaan waan dhabameef kuffifamee ture.


Mootummaan Hindii sababa adda addaa uumuun IRF cufuuf kan yaadaa ture yoo tahu guyyaa kaleessaa Kaabineen muummicha ministeera biyyatti walgahii godhaniin dhaabbatichi seera qabeessaa miti jechuun akka cufamu murteessanii jiru, akka Kaabineen kun jedhutti Dr Zaakir amantiiwwan adda addaa kan biyyatti keessatti argaman jiddutti waldhabbii kaaseera akkasumas dargaggoota muslimaa shororkeessummaas kakaaseera sababa jedhuun tahuu beekameera.


Commenti


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page