Hidhaa fi dhiibbaan namoota dhalootaan Oromoo tahan kan naannoo Hararii keessa jiraatan irratti godh
- NuuralHudaa
- Nov 15, 2016
- 1 min read

Waraanni Mootummaa naannoo Hararii magaalaa Harar keessatti ayyaana sabaa fi Sablamootaa kan sadarkaa Federaalaatti sadaasa 29/2009 magaalaa Harariitti kabajamuuf karoorfameen walqabatee hidhaa fi dararaan namoota dhalootaan Oromoo tahan kan magaalaa Harar keessa jiraatan irratti godhamu cimee itti fufeera jechuun jiraataan magaalaa harar nuuf himeera.
Akka jiraataan kun nuun jedhetti.
"Gochi yeroo ammaa kana namoota dhalootaan Oromoo tahan kan naannoo Hararii magaalaa Harar keessa jiraatan irratti raawwatamaa jiru hedduu yaaddessaadha jedha. Mootummaan ayyaana Sabaa fi Sablamoota sadarkaa Federaalaatti magaalaa Harar keessaatti kabajuuf karoorfateen wal qabatee sodaa guddaa keessa waan seeneef waraanni halkan manneen namoota dhalootaan Oromoo tahanii irra deemuun ukkaamsaa jira, namoota ukkaamfaman kana gara Mana hidhaa Ziwaay kan geessanii fi ammas namoota hedduu barbaadna jechuun ummata sodaachisaa jiru, ummanni sodaa guddaa keessa jira. Dargaggoonni galgala sa'aa tokko booda manaa hin bahan, yoo bahanii argaman ni qabamu. Dargaggoonni Oromoo hedduun magaalaa Harar lakkisanii bahaniiru” jechuun nuuf himeera.
Odeeffannoo biraatiin immoo magaaluma kana keessatti Humni Elektriikaa Federaalaa saamicha guddaa ummata irratti geggeessaa jiraatuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Guyyaa hardhaa Sadassaa 6/2009 kaffaltii Elektrikaa ummata irraa sassaabaan kan duraanii dachaa kafalchiisaa jiru. “Akka mana kiyyaatti duraan qarshii 50 kan kafaalu yoo tahu nagahee ji'a kana garuu dachaa sadiin dabalee waan dhufeef qarshii 150 kafale” jechuun jiraataan magaalaa harar nuuf himeera. Akka jiraataan kun jedhutti mootummaan waan kana kan godhaa jiruuf kasaaraa irra gahe ummata irraa deeffatuuf jecha jechuun dubbata.
Comentarios