top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Barattoonni Shamarranii Hijaaba akka hin uffanne dhoorkaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 15, 2016
  • 1 min read


Mana Baruumsa sadarkaa 2ffaa magaalaa Sandaafaatti barattoonni muslimaa hijaaba uffatanii moonaa mana baruumsaa akka hin seenne kan dhoorkaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Mana baruumsaa kanatti barattoonni muslimaa hijaaba uffatanii kan barataa turan yoo tahu, Bulchiinsi mana baruumsichaa qajeelfama seekulariiziimii haarawa mootummaan baase hojii irra oolchuu qabna jechuun shamarran muslimaa hijaaba uffattanii baratuu hin dandeessan kan jedhaman tahu maddeen nuuf gabaasaniiru.


Manni barnoota kun qajeelfama kana hojii irra oolchuu eega jalqabe torbaan tokko gahe jira, guyyaa qajeelfamni kun labsame irraa kaase barattoonni muslimaas hijaaba malee hin barannu jechuun barnoota isaanii irraa hafuun beekameera.


Qajeelfamni haaraan haala uffannaa ministeerri barnoota baase irra caalatti hordoftoota amantaa muslimaa irratti dhiibbaa guddaa kan uume yoo tahu, hawaasni muslima qajeelfamni kun akka hafu yeroo adda addaatti mootummaa gaafataa turuun ni yaadatama.


Dhiibbaan barattoota muslimaa irratti godhamu kun ji'oota muraasaaf kan dhaabbatee ture yoo tahu, Doktor Shifarraaw Ministeera barnoota tahuun eega muudamee booda, ammas akka haarawaatti sochiin hijaaba irratti godhamu kun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga Yuunivarsiitii fi koleejjiiwwan adda addaattis dhoorkuun kan jalqabame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Dr Shifaaraw yeroo ministeera dhimoota Federaalaa turettis aangaawota mootummaa Ahbaashiin akka biyya seenu godhee fi hawaasa muslimaa miidhuu keessatti nama shoora guddaa taphataa ture tahuu ni yaadatama.


Namtichi kun ammas duula barattoota muslimaa barnoota irraa fageessuuf godhu cimsee kan itti fuufe yoo tahu hawaasni muslimaa shira isaa kana akka salphatti akka hin ilaallee waamichi godhameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page