top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Waraanni Mootummaa Kaabinoota OPDO hidhaa jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 9, 2016
  • 1 min read

Waraanni Mootummaa Kaabinoota OPDO hidhaa jira.


Godina Baalee Aanaa Gindhiir magaalaa Gindhiiritti kaabinoonni mootummaa 4 guyyaa hardhaatiif kaleessaa mana isaanii fi waajjiraalee irraa fuudhamanii mana hidhaa magaalaa Gindhiiritti hidhamanii kan argaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Kabinoonni hidhaman kun sababni hidhamaniif tokkoyyuu hanga ammaatti kan hin beekamin tahuu beekameera.


Akka jiraataan naannawa sanii nuuf ibsetti

"Guyyaa kaleessaa waraanni mootummaa waajjira Bulchiinsaa irraa kaabinoota lamaa fi guyyaa hardhaa immoo Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii aanaa irraa namoota lama ni barbaadamtu jechuun fuudhanii deemaniin. Sababa kanaaf barbaadamtu wanti jedhameen tokkoyyuu hin jiru. Namoonni kunniin yeroo ammaa kana mana hidhaa magaalaa Gindhiiriitti hidhamanii argamu "jechuun nuuf himeera.


Kaabinoota hidhaman keessaa isaan lama kan ganama hardhaa waajjiira Dargaggoo fi Isportii irraa hidhaman, Amiin Ibraahiimii fi Mahmuud Awwal kanneen jedhaman tahuu isaanii maddeen nuuf gabasaaniiru.

Odeeffannoo walfakkaatuun aanama kana irraa guyyaa labsiin yeroo muddamaa labsame Fulbaana 28/2009 irraa kaasee dargaggoonni hedduun waraana mootummaatiin manaa fuudhamanii eessa akka geeffaman kan hin beekamnee fi hanga ammattis manneen irra deemaa sakatta'uun miidiyaalee adda addaa waliin qunamtii qabdu fi midiyaalee hawaasaa akka Feesbuuka irratti barreessitu jechuun dargaggoota ukkaamsaa jiraatuu oddeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page