Muslimoonni Galmee Khadiir Idriis jalatti himataman mana murtii dhihaatan.
- NuuralHudaa
- Nov 9, 2016
- 1 min read

Muslimoonni kanniin mootummaan magaalaa Daseetti ofii Sheekh Nuuruu Yimaam ajjeesuun isintu ajjeese jechuun himannaa itti banee waggaa 4 guutuu badii tokkoon alatti hidhaan dararamaa jiru.
Manni murtii Kangaarroo murtii dhumaa kennuuf guyyaa hardhaa Onkololeessa 30/2009 kan beellamee ture yoo tahu, isaan jidduu isaanowwan mana hidhaa Qiliinxootti hidhamanii argaman guyyaa hardhaa mana murtii dhihaatuun, isaan lama immoo kanneen mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti hidhaman; dargaggoo Umar Husseen fi dargaggoo Ismaa'iil Hasan mana murtii osoo hin dhihaatin hafaniiru.
Beellama guyyaa hardhaatiin manni murtii yakka dharaa isaan irratti dhihaate egaa qoratee booda murtii dhumaa ni adabaman ykn bilisa jedhu ni dabarsa jedhamee eeggamus, Himatamtoonni mana hidhaa Shawaa Roobiitti jiran lamaan hin dhihaanne sababa jedhuun ji'a lama booda Arfaasaa 5/2009 ammas beellamuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Beellama mana murtii kan guyyaa hardhaa irratti Koreewwan furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa dhiyeenya kana hidhaa irraa hiikkamani, Ulamaa'ota magaalaa Dasee irraa dhufanii fi hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu tahe mana murtii Lidataatti argamuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Muslimonni galmee kana jalattti himataman Obboleessa keenna Mubaarak Yimeer kan sababa dararaa mana hidhaa keessatti mootummaan irratti raawwatameen aakirame wajjiin isaan 14 yoo tahan isaaniis
1.Ahmad Idriis Gabayoo
2.Anwaar Umar Sayid
3.Saalii Muhammad Abduu
4.Sheekh Aadam Araagawu
5. Abdurahman Isheetuu Muhammad.
6.Ibrahiim Muhee Imaam
7.Umar Huseen Ahmad
8.Yimaar Huseen Mollaa
9.Mubareek Yimaar (Rabbiin Haa Araaramuuf kan mana hidhaa keessatti ajjeefame.)
10. Ismaa'il Hasan Yimaar
11.Kamaal Huseen Ahmad
12. Abduu Hasaan Ahmad
13. Ahmad Jamaal Sayid fi
14.Muhammad Yuusuuf Muhammadii dha.
Comments