top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Itiyoophiyaan Hiyyummaan biyyota 19 keessaa sadarkaa 18ffaa irratti argamti.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 8, 2016
  • 1 min read

Itoophiyaan biyyoota 19 kan Hiyyummaa, ummanni Isii Gammachuu hin qabnee fi jireenyaaf hin mijoofne ta’uun Addunyaa irraa sadarkaa 18ffaa irratti tarreefamte.

Dhaabbanni Legatum jedhamu kan Biritaaniyaa Magaalaa Londonitti argamu, qorannoo dhiheenya kana geggeesseen biyyoota Jireenyaaf hin mijoofne,kan eeggumsa fayyaa gahaa hin qabne, kan waraana keessatti argamanii, fi biyyoota addunyaa Hiyyuumaa keessatti argaman jechuun biyyoota 19 tareesse. Biyyoota 19'n kana jidduu Itoophiyaanis 18 ffaa irraatti ramadamte jirti.

Dhaabbanni kun qabxiiwwan hedduu irraatti hundaa’uun ramaddii kana kan kaa'e yoo tahu, Itoophiyaan Carraa hojii dhabdummaan, hiyyummaan, nageenya dhabuun, qulqullina barnoota hamaa qabdi jechuun biyyoota 19 kan guddina gad aanaa keessa jiran jalatti ramadamtee jirti.

Hata'uu malee mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaatti dinagdeen biyya kiyyaa 11% guddate jira jechaa jiraatus qorannoon bahaa jiran immoo biyyattiin biyyoota guddina gad aana keessa jiran keessatti Kan ramadamtu tahuu, gabaasni Legatum baase ni agarsiisa.


댓글


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page