Search
Waraanni konkolaataa 14 guutuu gara Baalee qajeele.
- NuuralHudaa
- Nov 7, 2016
- 1 min read

Guyyaa hardhaa ganama sa'aa 12:00 irratti waraanni Awutobisa 14 guutuu Asallaa irraa dhufee Dodolaa keessa dabruun gara Baaletti kan qajeele tahuu odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa. Waraanni kun gara Baalee deemaa haa jiraatu malee eessa akka gahe beekuun kan hin danda'amin tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Akka jiraataan magaalaa Dodolaa nuuf himetti waraanni mootummaa Ityoophiyaa torbaan dabre keessa daangaa Somaaliyaa lakkisee karaa kanaan bahe ture, kan hardha dabraa jiru kun achitti deebi'aa jiraatuu wanti beekamu hin jiru jechuun nuuf himeera.
Comments