top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Lammiiwwan Ukkaamfaman haalli isaan irra jiran hin beekamu.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 7, 2016
  • 1 min read

Eega labsiin yeroo muddamaa labsamee lammiiwwan hedduun naannoo Oromiyaatiif Amaaraa irraa ukkaamfamaniiru, lammiiwwan kunniin haalli isaan irra jiran wanti beekamu hin jiru. Labsiin kun eegaa labsamee hardha ji'a tokko guutee jira. Akka seeraatti garuu labsiin kun guyyaa labsame irraa kaasee guyyaa 10 keessatti lammiiwwan hidhamanis tahee lakkifaman sababaan isaan hidhamaniif, eessatti akka hidhamanii fi eenyummaan isaanii ifa ta'uu qaba jedha. Haata'u malee mootummaan Kaampii waraanaa adda addaatti hidhamanii jiru jechuun alatti lubbuun jiraatuuf ajjeefamuu isaanii wanti ibse hin jiru.


Qaamonni labsii yeroo muddamaa kana hojii irra oolchaa jiran gareen Koomaandpoostii fi Hidhattoonni Agaazii naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irraa lammiiwwan hedduu ajjeesaniiru, gocha Sukaneessaa irratti raawwataniiru. Akkasumas lammiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman ukkaamsuun eessa akka gessan hin beekamu.


Maatiiwwan namoonni jala qabaman cinqaa guddaa keessa jiru. Dhaabbileen mirga ilma namaatiif falmina ofiin jedhanis mootummaan akka gocha kana irraa deebi'u jechuun alatti dhiibbaan isaan godhan hin jiru.


Hanga hardhaatis mootummaan gocha kana raawwatuu cimsee itti fufee jiraatuu odeeffannoon ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page