top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Harariitti Poolisoonni lama hidhaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 6, 2016
  • 1 min read


Waraanni mootummaa guyyaa hardhaatis naannoo Hararii magaalaa Harariitti poolisoota dhalootaan Oromoo tahan lama hidhuu odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.


Poolisoonni hidhaman kunniin Inispekteer Muhammad Dinee fi Abdii Iisaa kan jedhaman yoo tahu, sababni hidhamaniifis ayyaana sabaa fi sablamootaa mootummaan naannoo Hararitti kabajuuf qophaa’aa jiru irratti jeequmsa kaasuuf qophii irra jirtu sodaa jedhu keessa seenuun tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru. Guyyaa kaleessaatis naannoma kanatti Abbaan Alangaa Riduwaan Abdoo fi Gazexeessaa FM naannoo hararii kan tahe Imaaj Abdii waraana mootummaatiin ukkaamfamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.


Yeroo ammaa kanatti mootummaan naannoo Hararii hojjattoota mootummaa dhalootaan Oromoo tahaan irratti xiyyeeffatee ukkaamsaa jiraatuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page