top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kitaabni Ustaaz Nuuruu Turkii guyyaa hardhaa Eebbifame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 6, 2016
  • 1 min read


Sagantaan Eebbaa kun magaalaa finfinnee galma Imbiltaa jedhamutti kan geggeeffame yoo tahu, hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu fi Koreewwan furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa isaanowwan isa wajjiin hidhaa irra turanis irratti argamuun qooda irraa fudhataniiru.

Maxxansa jalqabaa kitaabni 3000 kan maxxanfame yoo tahu sagantaa Eebbaa kana irratti kitaabni qophaa’e hunduu gurguramee kan dhume tahuu beekameera.


Ustaaz Nuuruu Turkii kitaaba kana ilaalchisee haasawa baldhaa kan godhe yoo tahu, haasawa isaa keessatti akka jedhetti yeroo dhiyotti Chaanaaliin TV Islaamaa kan biyya irraa darbu tokkos qileensa irra kan oolu tahuu ibsuun, hawaasni muslimaatis deeggarsa irraa eeggamu godhuu akka qabus dhaamsa dabarsee jira.


Sagantaa kana irratti Ustaaz Nuuruu Turkii namoota afuriif tajaajila isaan hawaasa muslimaaf kennaa turaniif galatoomfatuun waraqaa ragaa kan kenneef yoo tahu, namoonni kunniinis፡- 1. Haaji Muhammad Awwal Raja'a 2. Obboleessa keenna Diinuu Alii 3.Ustaaz Abdulfattaah Musxafaa fi 4. Obboleessa keenna Haashim tahuu isaanii beekameera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page