Aanaalee Godina Arsii keessatti hidhaan akkuma itti fufeetti jira.
- NuuralHudaa
- Nov 6, 2016
- 1 min read
Aanaalee Godina Arsii keessatti hidhaan akkuma itti fufeetti jira.
Torbaan dabre irraa jalqabee godina Arsii aanaa Saguree fi naannawa ishiitti waraanni mootummaa lammiiwwan hedduu ukkaamsuun gara mana hidhaa Sagureetti guuraa kan jiraanii fi namoonni hedduun immoo eessa akka geeffaman kan hin beekamin tahuu odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.
Guyyoota dabran laman kana keessatti Kamsaa fi Jimaata hojjattoonni Baankii Oromiyaa sadi ukkaamfamanii kan hidhaman tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Namoonni hidhaman kuniin Ahmad, Muhammadii fi Tolaa namoota jedhaman tahuu beekameera.
Akka jiraataan aanaa Saguree nuuf himetti
"Waraanni mootummaa fi gareen Komaandpoostiin, aanaa saguree keessaa namoota hedduu hidhaa fi tumaa jiru. Akkasumas namoonni hidhaman 200 oli yoo tahan, yeroo amma kana hedduun isaanii gara Xoollaayiitti geessaniiru, namoonni muraasni immoo mana hidhaa saguree keessatti dararamaa jiru, namoota mana hidhaa Saguree keessatti argaman kana Poolisoonni fi gareen komaandpoostii isinii gad dhiifna jechuun maatii isaanii irraa qarshii 5000 fuudhachuun osoo hidharraa gadi hin dhiisin gara Xoollaayiitti dabarsan" jechuun nuuf himeera.
Guyyaa hardhaatis qaamonni mootummaa ummata yaamuun akka meeshaa waraanaa dhunfaa, akkasumas meshaalee waraana masjiidotaan eeganis akka mootummaaf deebisan labsaa jiraatuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
コメント