Search
Namtichi sirna Umraa raawwatuuf jecha magaalaa Paaris irraa ka'uun gara Makkaatti Imalaa jiru ha
- NuuralHudaa
- Nov 5, 2016
- 1 min read

Isaaq jedhama, dhaloonni isaa Aljeeriyaa lammummaan isaa immoo Ispeen yoo tahu, Ji'a 5 dura magaalaa gudditti Faransaayi Paaris irra ka'uun kilomeetira 6000 milaan imaluun sirna Umraa raawwatuuf gara Magaalaa Kabajamtuu Makkaatti Imaluu jalqabe. Namni kun yeroo imala isaa kanatti daangaa biyyoota 16 qaxxaamuree guyyaa hardhaa Kuweeti gahee jira. Ammas Imala isaa hin xumurre, magaalaa Kabajamtuu Makka seenuuf Kilomeetira 1,356 hafaaf. Yeroo amma kana Sa'uudii Seenuuf waraqaa heeyyamaa (Visa Card) mootummaa Sa'uud Arabiyaa irraa eggataa jira.
Comentarios