top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Naannoo Harariitti hojjattoonni mootummaa dhalootaan Oromoo ta'an 2 ukkaamfaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 5, 2016
  • 1 min read


Naannoo Harariitti hojjattoonni mootummaa dhalootaan Oromoo ta'an 2 ukkaamfaman.Naannoo Hararii magaalaa Harar aanaa Amiir nuur irraa hojjattoonni mootummaa lama kan dhalootaan Oromoo ta'an, kan naannoo Harariitti hojjatan waraana mootummaa naannoo Harariitiin guyyaa hardhaa ukkaamfamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.


Namoota ukkaamfaman keessaa tokko Riduwaan Abdoo kan jedhamu Abbaa Alangaa aanaa Dirree Xayyaaraa yoo tahu, sababni inni ukkaamfameef feesbuuka maqaa dhalaatiin bantee odeeffannoo ummata alaatiif dabarsaa jirta jedhaniiti. Akkasumas, gazexeessaa FM naannoo Hararii kan tahe Imaaj Abdii miidiyaalee akka OMN, ESAT fi midiyaalee adda addaa kan biyya alaa hordofta jechuun kan ukkaamfame tahuu maddeen keenya naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.


Akkuma beekamu mootummaan fincila ummanni guutuu biyyattii irraa itti kaase dadhabsiisuuf labsii yeroo muddamaa labsee, tarkaanfii seeraan alaa ummata irratti fudhataa kan jiru yoo tahu, tarkaanfiiwwan inni fudhataa jiru keessaa gidiraa ummata irratti geggeessaa jiru akka jalaa hin baaneef miidiyaalee hawaasaa ugguruun akka odeeffannoon jalaa hin baane godhaa jiraatuun beekamaadha.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page