top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Baqattoonni 239 tahan galaana mediteraaniyaatiin nyaataman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 4, 2016
  • 1 min read

Baqattoonni kunniin biyyoota adda addaa irraa jiruu isaanii fooyyeffachuu fi dhiibbaa mootummoonni abbaa irree isaan irra geessan jalaa baqatuun gara biyyoota Awurooppaatti imaluuf liibiyaa irraa ka'anii galaana mediteraaniyaatiin nyaatamuu Ejensiin mootummoota gamtoomanii beeksiseera. Akka dubbii himaan UN ibsetti "Baqattoonni kunniin doonii lama guutuun liibiyaa irraa bahanii, isaan jidduu namoonni 31 lubbuun hafaniiru" jedha.


Baqattoonni kunniinis hedduun isaanii kan biyyoota Afrikaa irraa bahan yoo tahu, hanga ammaatti eenyummaa isaanii adda baafatuun kan hin danda'amin tahuu beekameera.

Wagga kana qofa keessa baqattoonni 4220 galaanaan liqinfamanii kan dhuman yoo tahu, balaan kun daran hammaataa jiraatuufii lakkoofsi baqattootaa dabalaa jiraatus ibsameera.


Odeeffannoo walfakkaatuun baqattoota galaana qaxxaamuruun gara Xaaliyaanii seenan irratti poolisoonni Xaaliyaanii tumaa fi gocha suukaneessaa irratti raawwata jiraatuu Amnesty Inernational gabaaseera.


Aminesty International ibsa dhiyeenya kana baase irratti " Poolisoonni Xaaliyaan Baqattoota Liibiyaa galaanaan gara biyyaa isaanii seenan irratti tumaa fi gocha suukaneessaa ilma namaa irratti hin raawwatamne raawwata jiru jechuun ibseera. poolisoonni kunniin haada Elektiriikaatiin tumaa gar jabeenyaa geggeessuu isaanii raga qabatamaa kan qabu tahuu ibsuun gocha kanas balaaleffateera.


Sababni tumaa fi gocha suukaneessaa kanaatis dhiibbaa gamtaan Awurooppaa baqattoonni kun akka Xaaliyaan hin seenne godhaa jiruuf raawwatamaa jira jechuun Aminesty International saaxileera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page