Mootummaan ummata ukkaamsuu cimsee itti fufeera.
- NuuralHudaa
- Nov 3, 2016
- 1 min read

Godina Booraana aanaa Bulee Horaa gandoota adda addaa irraa waraanni mootummaa guyyaa hardhaa ummata konkolaataa lama guutuu, akkasumas Onkololeessa 17fi 19 haaluma walfakkaatuun gandoota irraa waraanni mootummaa konkolaataa gurguddaa 12 ukkaamsuun eessa akka geeffaman kan hin beekamin tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Akka jiraataan naannawa sanii nuuf himetti" Onkololeessa 17 fi 19 waraanni mootummaa gandoota adda addaa irraa konkolaataa gurguddaa 12 guutuu ummata guuruun eessa akka geessan hanga ammaatti quba hin qabnu guyyaa hardhaatis konkolaataa lama guutuu ukkaamsanii deemaniinii jiru."jedha.
Aanama kana keessaa gandoota adda addaatti waraanni Diisha hiikkatuun fudhataa jiraatuun odeeyfannoon argame ni addeessa.
Comentarios