Muummichi ministeeraa ministeerota haarawaa muuduuf kaadhimamtoota isaa mana marii bakka bu'oot
- NuuralHudaa
- Nov 1, 2016
- 2 min read

Mootummaan yeroo cinqaa keessa seenu akkuma duraan godha ture ammas ministeerota iddoo isaanii jijjiiraa jira. Ammas yeroo daddaaqaa jiru kanatti ministeerota biiroo duraan turan irraa gara biiroo biraatti jijjiiruun ammas ummata sobuuf tattaaffataa jira.
Muummichi ministeera Obbo Haylamaariyaam Dasaaleny aangoo isaa irra kan turu yoo tahu, aangaawoota jijjiiramuu qaban jedhe mana marii bakka bu'oota ummataaf dhiheessee jira. Itti aanaa muummicha ministeeraa kan ture Obboo Dammaqaa Mokkoniin Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa godhuun muudamera. Ministeera Raayyaa Ittiisa biyyaa kan ture Obbo Siraaj Fargeessaa Ministeera dhimmoota Federaalaa fi Misooma naannoo horsiisee bulaa, akkasumas iddoo kana kan ture Obbo Kaasaa Teklee Birhaan ministeera Qunamtiif Teknolojii, Dr Dabratsiyoon Gebree Mikaa’el immoo Ministeera Industirii, akkasumas Obboo Ahmad Abitoo ministeera dhimma hojjataa fi hawaasummaa, Obboo Abduulfattaah Abdullaahi Komishiinaa Komishneera Pilaanii biyyaaleessaa, Dr Yinagaar Dassee Abbaa Alangaa Federaalaa ,Obboo Geetachoo Imbayee waamama mootummaa mana marii bakka bu'oota ummatatti godhuun muudamaniiru.
Miseensonni kaabinee akka haarawaatti kaadhimaman.
1. Dr Warqinaa Gabayyoo, Ministeera dhimma alaa. 2.Obboo Tagassaa Caffoo Ministeera Siviil Sarvisii fi Humna namaa. 3.Dr Abrahaama Takasaat, Ministeera mallaqaa fi Dinagdee. 4. Dr Baqqalaa Guladoo Ministeera daldalaa. 5.Pirofeesera Fiqaaduu Bayyanaa Ministeera Beeylada fi Misooma Qurxummii. 6. Dr Iyyaasuu Abrahaa Ministeera Qonnaafii Qabeenya uumamaa. 7. Dr Injinar Geetahuun Makuriyaa Ministeera Sayiinsiifi Teeknolojii 8.Obboo Ahmad Shiidee Ministeera Geejjibaa. 9.Dr Ambacheewu Makkoonniin Ministeera misooma magaalaaf manneenii. 10.Injinaar Ayishaa Ahmad Ministeera Konistirakshiina. 11. Dr Injinaar Silashii Baqqalaa, Ministeera Bishaan, Jallisii fi Elektriikaa 12.Obboo Mootummaa Maqassaa Ministeera Albuuda, Boba'aa fi Gaaza uumamaa. 13.Dr Gammadaa Daalee, Ministeera Misooma Bosonaa naannoo fi Jijjiirama qilleensaa. 14. Dr, Shifaraawu Takla Maariyaam, Ministeera Barnootaa 15. Piroofeesera Yifruu Birhaanaa Ministeera Eeggumsa Fayyaa 16.Dr Girmaa Amantee, Ministeera dhaabbilee misooma mootummaa 17. Dr Hiruut Walda Maariyam Ministeera aadaa fi turizimii. 18. Aadde Dammituu Hambessaa Ministeera Dhimma Dubartii fi Daa'immanii 19.Obboo Ristuu Yirdaawu Ministeera Dargaggoo fi Ispoortii 20.Obboo Kabbadaa Caannee Ministeera galii fi Abbaa taayitaa Gumruukii 21. Dr Nagarii Leencoo Ministeera Dhimmoota Komunikeeshiinii mootummaa tahuun kaadhimamanii manni maree bakka bu'oota ummataa raggaasisanii jiru.
Comments