Barattoonni dhukkuba Koleeraatiin du'aaf saaxilamaa jiru.
- NuuralHudaa
- Nov 1, 2016
- 1 min read

Yuunivarsitii Jijjiigaa kan mootummaa naannoo Sumaaleetti argamuutti barattoonni dhukkubaa koleeraan du'aa jiraaatu odeeffannoon argame ni addeessa.
Dhukkubni kun qulqullina dhabbinsa Yuunivarsitiichatiina kan umame yoo tahu barattoonni lama du'uun hedduun isaanaii immoo yeroo amma gar hoospitaalaatti geffamu maddeen nuf gabasaaniiru.
Akka maddi keenya nuuf himeetti "Sabaaba dhukkuba kanaatiin torbee dabre keessa barattoonni lama du'uun hedduun isaanii immoo hospitaalaatti wal’aanamu jiru, akkasumas mootummaan akkuma kanaan dura yeroo adda addaatti osoo beelli fi Hoongeen biyya keessa jiruu akka ummatni gargaarsa dhabe dhumuuf godhaa ture ammas barattoonniifi ummanis dhukkuba dadarbaa yeroo ammaa biyyaatti keessatti babaldhachuu jiru kana akka hin saxiile sodaachisaa jira" jechuun nuuf himera.
Barattoonni du'anis dhukkuba koleeraan osoo hin tahiin dhukkuba birootiin du'aan namni kamiyyuu dhukkuba koleeraa jedhee yoo argame tarkaanfiin irraatti fudhatama jechuun kan sodaachifamaa jiraan tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Kanaan duraas mootummaan yeroo biyyaatiin Hongee fi balaa Beelaaf saxiilamteetti beelli hin jiru ummanni keenya rakkoo nyaataa hin qabu jechuun deggarsa ummataaf godhamu akka hin seene dhorkuun ummata fixuun ni yaadatama. Gochi yeroo amma kana ummatni akka dhukkuba kana hin saaxile godhaa jiruus ummata fixuuf kan karoorfate tahuu kan agarsiisuudha.
Comments