top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Faransaay Keessatti Jibbaan Islaamummaa daran jabaachutti jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 30, 2016
  • 1 min read


Nikolaas Saarkooziin Amma dura prezdaantii Faransaay ture. eega aangoo irraa bu'ee boodas lammata filamuudhaaf duula na filadhaa eegalee jira. innis akkuma Donald Trump Islaamummaa maqaa balleessuufii xiqqeessuu kan eegale yoo tahu, Haasawa isaa keessatti, "Fiinxaaleyyummaa amantaa biyya keenyaa keessaa barbadeessuuf duulli jalqabame ammas cimee itti fuufa. Fiinxaaleyyummaa amantaa kana Faransaay keessaa barbadeessuuf immoo duulli niqaaba dubartootaa irratti godhamu kan duraanii caala itti fuufuu qaba. Yoo kun hin godhamin waggaa 10 keessatti dubartoonni muslimaa Faransaayi keessatti argaman hunduu niqaaba uffatuuf ni dirqamu" jedhee dubbate.


Saarkooziin haasawa BFM TV jedhamu irratti godheen "Ani Dubartoonni muslimaa akka walaba tahan barbaada, Akka isaan Abbaa warraa isaaniif malu filatan arguu, yeroo isaan rifeensa isaanii muldhisaanii fi yeroo isaan huccuu Jiinsii fi Taayitii (miniskirts and tight jeans) qaama isaanii muldhisu uffatan barbaada" jechuun dubbate.


Akkasumas, Sarkooziin filannoo pirizadaantumaa fulduraaf geggeeffamu irratti yoo kan filamu tahe, biyyatti keessatti hijaabaa fi niqaabni akka hin uffatamne kan ugguru tahuu waadaa seena" jedha.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page