Waraanni mootummaa dargaggoota ukkaamsuu cimsee itti fufee jira.
- NuuralHudaa
- Oct 27, 2016
- 1 min read

Godina Arsii bahaa aanaa Xannaa ganda Karrayyuu Harzuunaa irraa halkan edaa naannoo sa'aa 9:00 waraanni mootummaa dargaggoota hedduu manaa ukkaamsee fuudhuu maddeen nuuf gabaasanii jiru. Dargaggoonni kunniin manaa fuudhamanii eessa akka geeffaman kan hin beekamin tahuus odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa. Dargaggoota Ukkamfamanii fuudhaman kanniin jidduu kan maqaan isaanii nu gahe:- 1. Dargaggoo Amiin Gannaa 2. Jundii Husseen 3. Muddiin Qaasim 4. Muhammad Husseen Qaasim 5. Umar Jamaal 6. Hajjii Qaasoo 7. Amaan Qaasoo fi dargaggoonni biroo hedduunis jiraatuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Odeeyfannoo walfakkaatuun godinuma kana keessaa, Roobee Diida'aa irraa halkan edaa sa'aa 7:00 magaalaa irraa konkolaataa tokko guutuu akkasumas, baadiyaa irraahis dargaggoonni konkolaataa waraanaa tokko guutuun kan ukkaamfaman tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Walumaagalatti godina kana Aanaa adda addaa irraa guyyaa kaleessaa dargaggoonni 300 ol konkolaataa waraanaa Ooraalii gurguddaa 34 guutuu ukkaamfamanii eessa akka geeffaaman hin beeknu jechuun jiraataan naannawa sanii nuuf himeera.
Komentarze