Godina Arsii bahaa Aanaa Amiinyaa gandoota adda addaa irraa dargaggoonni Ukkamfamaa jiru.
- NuuralHudaa
- Oct 27, 2016
- 1 min read

Waraanni mootummaa hidhaafi dararaa ummata irratti raawwatuu daran cimsee itti fufee jira. Godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti guyyaa labsiin yeroo muddamaa labsame irraa kaasee gareen Komaandi postii humna waraanaa waliin tahuudhaan dargaggoota adamsaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa. Keessumattuu godina Arsii bahaa fi lixaa keessatti dargaggoonni ukkamfaman eessa akka geeffaamaa jiran hin beekamu.
Godina Arsii bahaa Aanaa Amiinyaa gandoota akka Balee Seeruu, Diksiis, Roobee irraa dargaggoota 300 ol kan hidhatti guuraman yoo tahu, isaan jidduu dargaggoota 40 filuun Ooralitti fe'anii eessa akka geeffaman kan hin beekamin tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Yeroo ammaa kana maatiiwwan cinqaa guddaa keessatti kan argaman tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.
Comments