Ulamaa'onnii fi Ustaazonni naannoo Tigraayi irraa yakkamanii hidhaa irratti argaman Sadaasa 14/2
- NuuralHudaa
- Oct 25, 2016
- 1 min read

Mootummaan akkuma naannoo adda addaatti hawaasa muslimaa dararaa jiru, naannoo Tigraayiitis Ulamaa'ota dararaa jira. Godina Raayyaa Azabootiitti mootummaan ulamaa'ota fi Ustaazota irratti himannaa isin wahaabiyya jedhu itti banuun yakkee hidhatti guure. Muslimoonni kunniinis Onkololeessa 7/2009 beellama isaanii irratti hundaa’uun mana murtii kan dhihaatan yoo tahu, manni murtii himannaa abbaan alangaa isaan irratti dhiheeyse dhaggeeffatee jira.
Himannaan dharaa musliimoota kana irratti dhihaate Afoosha irratti hirmaatuu didan, Abdullaahi Hararii hin deeggartan, Isin Wahabiyyaadha fi dargaggoota filuun gar Sa'uudi Arabiyaatti ergaa jirtu kan jedhaan tahuus beekameera.
Manni murtiis himannaa dharaa kana eega dhaggeeffatee booda ammas sadaasa 14/2009 beellameera. Ulamaa'onnii fi Ustaazonni kunniin ji'a kudhaniif mana hidhaatti kan hiraarfamaa jiran tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments