Odeeffannoo haarawa
- NuuralHudaa
- Oct 25, 2016
- 1 min read

Daa'ii beekamoo godina Arsii bahaa magaalaa Saaguree kan tahan Sheekh Eliyaas, sabtii dabre waraanni mootummaa kan hidhee ture tahuu isiiniif gabasuun keenya ni yaadatama. Waraanni mootuummaa Sheekh Eeliyaasiin mana hidhaa keessaatti dararaa guddaa eega irraatti rawwaataa ture booda, guyyaa hardhaa salaata Asrii booda kan gad lakkise tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.
Guyyaa kaleessaatis waraanni mootummaa, masjiida keessa kopheen seenuun Manguddoo Sheekh Haydar jedhaman ukkaamsee fuudhee jira. Manguddoonni magaalatti isaan hiiksisuuf carraaqqii godhanis, waraanni mootummaa garuu isaanii fi dargaggootallee gad hin lakkisu, akkasumas manguddoo kana gara qaama ol aanutti dabarsina jedhuu isaa maddeen naannawa irraa nuuf gabaasanii jiru
Sheekh Eeliyaas kanaan duras yeroo jalqaba qabsoon hawaasa muslimaa kahetti amantaa Ahbaash balaaleeyfatan jechuun yeroo adda addaa hidhamaniiru. Sabtii dabares dhimmuma kana kaasuun hidhaa fi dararaa eega irratti rawwaataniin booda guyyaa hardhaa hidhaa irraa gad lakkisanii jiru jechuun maddeen keenya nuuf gabaasaniiru.
Comentários