Baqattoonni biyya keenyaa kan biyya Faransaayi jiran rakkoo cimaa keessa jiru.
- NuuralHudaa
- Oct 25, 2016
- 1 min read

Mootummaan Faransaayii kaampii baqattoonni biyya adda addaa waggoota dheeraaf keessa jiraataa turan Mooraa Kalayii Jangiili( calais Jungle) jedhamu guyyaa kaleessaa diiguu jalqabe. Baqattoota biyyoota adda addaa irraa dhufuun kaampii kana keessa jiraatan jidduu baqattoonni Oromoo dhibbataman tilmaamaman kan argaman yoo tahu, baqattoonni Oromoo kan mooraa keessatti argaman kunniin rakkoo cimaa irratti argamu jechuun Rooyiter guyyaa kaleessaa gabaase.
Baqattootni biyyoota adda addaa kan kaampii kana keessa jiraatan, baqattummaan isaanii fudhatama kan argateef iddoon isaan turan qophaa’ee jira. Haata'u malee baqattoonni Oromoo hedduun isaanii kan baqattummaan isaanii UNHCR hin mirkanaawinii fi kan hin galmaayin waan ta’aniif yeroo ammaa kana dararamaa jiraatuu odeeffannoon ni addeessa.
Kaampii Kana keessatti baqattoonni Oromoo yeroo dheeraaf qubachaa turaaniru. Garuu waggoota lamaan kana keessatti baqattoonni Oromoo sababa ajjeechaa fi sarbamiinsa mirgaa mootummaan Ityoophiyaa irratti geggeessaa jiruuf baay'inni isaanii kan duraanii irraa daran kan dabale tahuu ibsameera.
Comments