top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Waraanni mootummaa godina Arsii Aanaa Digaluufi Xiijoo keessatti ummata dararutti jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 24, 2016
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa magaalaa Sagureetti Waraanni mootummaa fi Kaabinoonni mootummaa kophee dhoqqee qabuun masjiida seenuun ummata darsii qara'aa ture bittineessanii manguddoo haaji Hayder jedhaman tumaa masjiida keessaa fuudhanii kan deemanii fii meeshaa waraanaa hayyama itti qaban kan irraa fudhatan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Guyyoota muraasa duras magaaluma kana keessa Daa'ii beekkamoo magaalaa tanaa kan tahan Sheekh Eliyaas manguddoo jedhaman hidhuuun maatiiwwan isaanii wajjiinis akka wal hin qunamne taasifamaniiru jechuun jiraataan magaalaa sanii nuuf hime.

Akka jiraataan kun nuuf himetti, “Mana hidhaa magaalaa Sagureetti guyyoota muraasa darban keessatti dargaggoonni 80 ol gandoota adda addaa irraa qabeenya mootummaa barbadeessitanii jirtu jechuun hidhamanii jiru” jechuun nuuf himeera.

Hidhaan kun Abbootii qabeenyaa fi manguddoo aanaa kana keessatti argaman keessumattuu muslimmoota irratti kan xiyyeeffateedha jechuun nuuf himameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page