top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Godina Arsii aanaa Xannaatti hoogantoonni OPDO duula amantaa fi amantaa walitti buusuu geggeessaa ji

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 23, 2016
  • 1 min read

Mootummaan akkuma kanaan duraa godhaa ture iddoo adda addaatti fincila ummanni itti kaase kaalattii birootti jijjiiruun hordoftoota amantaa fi akkasumas saba fi sablamoota biyyatti jiddutti lolli akka ka'uuf shira isaa geggeessaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Godina Arsii aanaa xannaa gandoota akka Soolee caffaa madaroo,Utaa, Baqaqsa fi ganda Haaji Shaalee keessatti hoogantoonni OPDO hordoftoota amantaa Kiristaanaatiin, hordoftoonni amantaa muslimaa isin fixuu hedu jechuun sodaachisan. Hordoftoonni amantaa kiristaanas olola dharaa kaabinoonni OPDO himaniif kana sodaatuun gar bataskaanaatti baqatuun kan achi bulan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Sababa hoogantoonni olola dharaa kana oofaniin yeroo amma kana hawaasni muslimaa fi kiristaanaa wal sodaatu jechuun jiraataan aanaa kanaa nuuf himeera.

Akkasumas aanaa kana keessaa dargaggoota muslima hedduu adamsuun mana hidhaa Xichotti kan guuramanii fi kan tumamaa jiran tahuus beekameera. Yeroo amma kana manni hidhaa Xichoo dargaggoota muslimaatiin guuttamee magaazina midhaanii keessatti kan hidhaa jiran tahuus maddeen nuuf gabaasaniiru.

Dargaggoota kana irratti tumaan hammana hin jedhamne mana hidhaa keessatti kan irratti geggeeffamaa jiruu fi isaan jidduu tumaa irratti raawwatame kanaan kan ilkaan cabes jiraatuu beekameera.

Kabinoonni gocha kana raawwata jiran kabinee aanaa Hamde fi Tadassaa jedhaman tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.

Odeeyfannoo walfakkaatuun ogeessa fayyaa Abbaa qabeenya kan tahe Qamar Haaji Sanoo jiraataan jedhamus mana hidhaa Asalaatti hidhamee kan argamu yoo tahu, himannaa dharaa itti baanuun ragaa dharaa hordoftoota amantaa biroo fi deeggartoota mootummaa irraa kan itti qopheessaa jiran tahuus beekameera.

Abbootiin qabeenyaa muslima tahan irratti dhiibbaan guddaan geggeeffamaa jira, Abbaan qabeenyaa Abbaa Usmaan jedhamus yeroo amma kana kan hidhaa irra jira jechuun jiraataan aanaa sanii nuuf ibse.

Akka jiraataan kun jedhutti "walumaa galatti aanaa Xiichoo fi Shirkaa keessatti hawaasa muslimaa fi abbootii qabeenyaa muslimaa irratti midhaa hammana hin jedhamnetu gahaa jira" jechuun nuuf himeera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page