top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ahbaashonni Magaalaa Kombolchaatti hiriira Deeggarsa mootummaaf qaban itti ibsatan geggeessan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 23, 2016
  • 1 min read

Mootummaan fincila guutuu biyyatiitti ka'e sababeeffatuun labsii yeroo muddamaa labsuun beekamaadha. Labsii kana jalatti mirgoonni adda addaa kan sarbaman yoo tahu, mirgoota kana keessaa immoo tokko mirga iddoo kamittuu hiriira Nagayaas tahe Gareen socho'uu ji'a jahaaf biyyattii keessatti akka hin adeemsifamne dhoorkuu ibsameera.

Haata'u malee mootummaan deeggartoota isaa labsiin kun kan hin daangesine tahuu muldhisaa jira.Guyyaa hardhaa magaalaa Kombolchaatti Ahbaashonni hiriira Deeggarsa mootummaaf qaban itti ibsatanii fi paartii moormitootaa itti balaaleffatan kan geggeessaa oolan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Hiriirri kun labsiin Motummaan labse kan deeggartoota isaa hin ilaallanne tahuu kan agarsiisuudha jedhameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page