Magaalaa Shaashaamanneetti Imaamman Masjiidaa hidhamaa jiran.
- NuuralHudaa
- Oct 20, 2016
- 1 min read

Magaalaa Shaashaamanneetti Imaamman Masjiidaa hidhamaa jiran.
Guyyaa hardhaa Imaama masjiida Al iimaanii fi hogganaa Madrasaa Al iimaan kan tahaan Sheekh Kaamil Hasan kan hidhaman tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa. Guyyaa dheengaddaatis Itti aanaa imaama masjiida Al Hikaam kan tahan Sheekh Muhammad Basaasoo hidhamaniiru jechuun jiraataan magaalaa Shaashamannee nuuf himeera.
Akka Jiraataan kun nuun jedhanitti
"Guyyaa hardhaa ganama gara naannawa sa'aa 4 naannoo Masjiidaatti, Sheekh Kaamil Hasanii fi namoota hedduu walitti qabuun, waraanni mootummaa mana hidhaa Shaashamanneetti guree jira. Sababaa hidhamaniif wanti beeknu hin jiru. Dabalataan Abbootiin qabeenyaa hedduun qabamanii gara mana hidhaa Ma'akalawiitti geeffamanii jiru jechuun nuuf hime.
Abbootii qabeenyaa qabamaanii gara mana hidhaa Ma'akelawiitti geeffaman jidduu,
Haaji Jaarsoo Qaabatoo, Alamuu Mayuu, Haaji Mayyuu fi Obboo Badhaasoo kan jedhaman gara mana hidhaa Ma'akalaawiitti geeffamaniiru jechuun maddeen keenya nuuf gabaasaniiru.
Waraanni mootummaa magaalattii keessatti hidhaa fi saamicha cimaa geggeessaa kan jiru tahuus beekameera. -------------- NuuralHudaa Soora Qalbii Muslimaa https://www.nuuralhudaa.com https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
댓글