top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Adaamaatti waraanni mootummaa ummata irratti saamicha geeggeessaa jiraatuun beekame

  • Odeeyfannoo
  • Oct 17, 2016
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa magaalaa Adaamaatti waraanni mootummaa manneen irra deemuun dish hiikkataa jira jechuun jiraataan magaalaa sanii nuuf himeera.

Akka jiraataan kun jedhutti "Waraanni mootummaa manneen irra deemuun dish hiikkataa jira akkasumas manneenii fi namas sakatta'uun mobaayila namarraa fudhataa jiru" jedha

Akkuma beekamu mootummaan fincila biyyaa keessatti itti ka'een sodaa cimaa keessa seenee labsii yeroo muddamaa labsuun isaa beekamaadha. Labsii kana jalatti saa'aa barbaadameetti manneen ummata irratti ajaja mana murtiitiin alatti waraanni akka barbaadetti sakatta'iinsa geggeessuu ni danda'a kan jedhu kan jiru yoo tahu, waraanni mootummaatis labsii kana dawoo godhatuun ummata irratti saamicha geeggeessaa jiraatuu odeeyfannoon naannawa adda addaa irraa nu gahu ni agarsiisa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page