top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Aanaa Adaabbatti waraanni mootummaa ummata ukkaamsuu itti fufee jira.

  • Odeeyfannoo
  • Oct 16, 2016
  • 1 min read

Aanaa Adaabbaa magaalaa haqootti waraanni mootummaa dargaggoota magaalatti keessatti argaman adamsaa jira jechuu maddeen keenna naannawa irraa nuuf gabaasaniiru. Ukkaamsi kun guyyaa labsiin yeroo muddamaa labsame irraa kan jalqabe yoo tahu guyyaa lama dura magaalama kana keessaa waraanni mootummaa hooggantoota OPDO fi hojjattoota mootummaa magaalatti keessatti gama ummataa deebi'uun ummata waliin hiriiran ukkaamsuu isiniif gabaasnee turre. Namoota kana eegaa tumaa hammana hin jedhamne irratti raawwatanii booda guyyaa kaleessaa nama 4 lakkisuun tokko keessaatti kan hambisan tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.

Kaleessa galgalas waraanni mootummaa dargaggoota 3 ukkaamsanii eessa akka geessaan hin beeknu jechuun jiraataan magaalaa haqoo nuuf himeera.

Akka jiraataan kun nuuf himetti "Waraanni mootummaa magaalaa keessa deemuun dargaggoota adamsaa jira, magaalaa kana keessaa namoonni 90 kan barbaadaman yoo tahu, waraanni agaazii dargaggoota magaalatti keessatti arge qabuun tumaa hammana hin jedhamne eega irratti geggeessee booda yoo maqaan isaanii namoota barbaadaman keessa hin jirre ni lakkisu. Kaleessa galgala dargaggoota 3 eega ukkaamsanii eessa akka geessanis hin beekamne" jechuun nuuf himeera.

Dargaggoonni kaleessa galgala ukkamfaman kunniin

1.Muhabba Usmaan Subii 2.Jeylaan Immi Fatoo 3.Abdurrahmaan Umar Waaqayyoo

Yeroo amma kana hojjattoonni mootummaa fi dargaggoonni magaalatti lakkisaanii kan baqatan yoo tahu, gochi kun ammas waan itti fufeef of eeggannoo akka godhuu qaban jechuun dhaamsa nuuf dabarsaa jedhaniiru.


Σχόλια


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page