Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti namoonni 500 ajjeefamuu mootummaan amane.
- Odeeyfannoo
- Oct 14, 2016
- 1 min read

Dhaabbileen mirga dhala namaatiif dhaabbanne ofiin jedhan kan akka Human right watches fi dhaabbileen Addunyaa hedduun, fincila ji'ootaaf Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti geggeeffamaa jirurratti, namoonni 700 ol waraana mootummaatiin ajjeefamaniiru jechuun gabaasaa turaniiru.
Muummichi ministeeraa Itoophiyaa Haylamaariyaam, dassaalany, naannoo Oromiyaatti namoonni 170, naannoo Amaaraatti immoo namoonni 120 fi ka naannoo birootiin waliin waliigalatti namoonni 500 ol ajjeefamuu ibsa gaazeexesitootaaf kennee jira.
dhaabbileen ilma namaaf dhaabbanne jedhan kun lakkoofsi namoota ajjeefamanii sirriin kan beekamu yoo qaamonni walabaa seenuun qorannoo godhe qofa jechaa jiru.
Haata'u malee Qondaaltonni Ityoophiyaa ammoo, dhimmi kun dhaabbilee mirga namaaf dhaabbatan kan biyya keessaatiin qoratama jechuun, dhaabbilee biyya alaatiif hayyama kennuu didanii jiru. Garuu ajjeechaa kana eenyuun akka raawwatamee fi eessatti akka raawwatame wanti ibsan hanga ammaatti kan hin jirre yoo tahu, human rights watches ammoo qorannoon kun fudhatama hin qabu jechuun komii dhiheesseera.
Comments