Labsiin dhiheenya kana labsame mormii ummataa daran kan cimsu tahuu gabaafame.
- Odeeyfannoo
- Oct 14, 2016
- 1 min read

Gaazexaan Guddichi Ameerikaa keessatti maxxanfamu Washington Post jedhamu " Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaa keessaatti labsamuun hojii irra oolfamaa jiru, fincila ummataa kan yeroo amma kana biyyatti keessatti babaldhataa jiru kan daran cimsu malee kan qabbanneessuu miti" jechuun mata duree barruu isaa kan kaleessaa irraatti ibse.
Washington post itti aansuun " Qondaaltonni Itoophiyaa seera isaanii kan ummata ukkaamsu ammas cimsaanii itti fufaniiru, Labsiin kunis cunqursaa ummata irratti raawwatamaa jiru kan ibsuudha" jedhee gabaase.
Labsiin yeroo ammatti hojii irra oolfamee ummanni ittiin cunqurfamaa jiru kun, mirga dimokraasii kan akka hiriira nagayaa bahuu dhorkuuf kan labsame tahus, mirgi hiriira nagayaa bahuu kun biyyattii keessatti duraanuu kan sarbame tahuus baatii tokko dura kan maxansee ture tahuu, gaazexaan The Washington Post kun barruu isaa kan kaleessaa irratti ibseera.
Qondaaltonni Itoophiyaa fincila yeroo amma kana biyyatti keessatti geggeeffamaa jiru kana duubaan humnoota alaattuu jira jechuun yakkuuf yaalaa jiraatanis, dhugaa jirtu dhoksuuf tooftaa fayyadamaa jiraanidha jechuun ibse.
Labsiin yeroo muddamaa baatiiwwan jahaaf labsan kun, tooftaa mootummoonni Abbaa Irree balaaleeyfannaa isaan irratti ka'e ittiin ukkaamsuuf fayyadaman tahuu ibsuun, tarkaanfiin kun jijjiirama tokkooyyuu kan fiduu hin dandeenye tahuus barruu kana irratti ibsameera.
Comments