Aanaa Leemmuufii Bilbilootti Boombiin Ummata irratti darbame.
- Odeeyfannoo
- Oct 13, 2016
- 1 min read

Godina Arsii bahaa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda Qoomaa Wolqixxeetti bulchiinsi gandaa boonbii ummata irratti darbuun, namoonni hedduun midhamanii namni tokko immoo kan du'e tahuu maddeen naannawa irraa nuf gabaasaaniiru.
Akka jiraataan ganda Qoomaa walqixxee nuuf himetti
" Boonbii kana kan darbe bulchaa gandaa Adunee Dhaabaa nama jedhamu yoo tahu, namni 20 ool midhamee namni tokko du'e. hogantoonni OPDO namoonni midhaman akka hin yaalamne dhorkaanii jiru. yeroo amma immoo hoggantoonni aanaa ummata keessa deemaa ‘isintuu jeequmsa kaasaa jira’ jechuun namoota heddu maqaa barresuun Agaaziitti keennaa jiru" jechuun nuf himeera.
Yeroo amma kana namoonni heddu ganda keessaa baqatanii bosonatti kan galan tahuus odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.
Comentarios